• Thu. Mar 19th, 2026

WBOn Godina Arsii Bahaa Aanaa Doddotaa Keessatti Diina Du’aa fi Madoon Adabe

Jul 9, 2024

ONM-ABO Adoolessa 9, 2024

Irree fi gachaanni sabaa WBOn loltoota PP impaayera bututaa suphuu deemtu irratti Bobbaa Irbuu Shinniggaan tarkaanfii fudhatu itti fufuun godina Arsii Bahaa aanaa Doddotaa keessatti injifannoo boonsaa galmeessee jira.

Kaleessa Adoolessa 8, 2024 korommiiiwwaan Kibba Baha Cibraan Jaal Nadhii Gammadaa aanaa Doddotaa iddoo addaa Gaara Gaalloo jedhamtu keessatti waraana faashistii PP rasaasaan bobeessuun loltoota 11 irraa ajjeessee 9 madoo dandammii hin qabneen adabee jira.

Loltootni faashistii kun tarkaanfii kanaan rifatuu guddaa keessa galuu odeessi keessoo PP ba’e ni addeessa.

Injifannoon Uummata Oromoof ❗

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading