ONM-ABO Adoolessa 10, 2024
Sirni uummata Oromoo irratti badiisa raawwachuuf dhama’u bixilginnaan lola hawaasa nagaa hidhannoo hin qabne irratti labsuu, hidhuu fi reebicha dabalatee otuu guyyuma tokko irraa hin boqotin guyyuma guyyaan geggeessuun qe’een uummataa akka nagaa hin arganne taasisee jira.
Adoolessa 7-9, 2024 Kaaba Shaggar aanaa Warra Jaarsoo gandoota akka Walee Ciilaalloo, Abbuu Keekuu, Bitoo Milkii fi magaalaa Qarree Gohaa ganda 01 keessatti hidhaa fi reebichi waraana Impaayeera Itoophiyaan raawwatu hammaatee jira.
Akkuma fedhanitti abbaa barbaadan qabuu fi butuun baratamaa kan ta’e impaayerattii keessatti sababa tokko malee tiksitoonni PP magaalaa Qarree Gohaa keessaa konkolaachistoota hojii isaanii callaa malee siyaasa kamiyyuu keessaa hin qabne 9 hidhanii jiru.
Humnoonni balaafamoo bilxiginnaan bobbaafaman kunneen yakkoota gurguddoo kan akka ija nama balleessuu raawwatanis qaamni yakkamtoota kana seeraaf dhiyeessus hin jiru, seerris hin jiru jedhu jiraattonni naannichaa.
Ganda Walee Cilaalloo keessaa ammoo namoota maqaan isaanii Qaxxalaa Taammanaa, Taaddee Girmaa, Shibbiruu Ayyalaa, Girmaa Simee, Dachaasaa Urgeessaa fi Lammaa Warqinaa jedhaman qabanii hidhuun dararaa akka jirantu himama.
Dabalataanis waraanni goolessaa bilxiginnaa ganda Bitoo Milkii keessattis nama maqaan isaa Amdee Abarraa jedhamu reebichaan caccabsanii biraa deemuu maddeen keenya gamasii Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
