• Thu. Mar 19th, 2026

Meeshaaalee Waraanaa Isnaayipperaa fi AKM WBO’n Zoonii Harsadee Aanaa Fantaallee Keessatti Waraana Faashistii PP Irraa yoo hiiku, aanaa Doddotaa fi Saasiggaa keessattis du’aa fi madoon adabuu beeksise

Jul 10, 2024

ONM-ABO Adoolessa 10, 2024

Irree fi gachaanni sabaa WBO’n  loltoota PP impaayera bututaa suphuuf deemtu irratti Bobbaa Irbuu Shinniggaan tarkaanfii fudhatu itti fufuun godina Arsii Bahaa aanaa Doddotaa keessatti injifannoo boonsaa galmeessee jira.

Guyyaa dheengaddaa Adoolessa 8, 2024 korommiiwwan Kibba Bahaa Cibraan Jaal Nadhii Gammadaa aanaa Doddotaa  iddoo addaa Gaara Gaalloo jedhamtu keessatti waraana faashistii PP rasaasaan bobeessuun loltoota 11 irraa ajjeesee 9 madoo dandammii hin qabneen adabee jira.

Guyyaama kana Adoolessa 8, 2024 WBO’n Zoonii Lixaa godina Baha Wallaggaa ona Saasiggaa bakka addaa Abbaa Daalee jedhamutti tarkaanfii laalessaa fudhateen lukkeelee diinaa maqaa sakatta’insa WBO’n baatetti rasaasa shiduun guggubee hedduu hoggaa ajjeesu, kanneen biroo immoo madoo dandammii hin qabneen adabee jiraachuun ifoomeera.

Guyyaa kaleessaas itti dabaluun onichuma ganda Odaa bakka addaa Bosoqa jedhamutti loltoota Abiy Ahimed kanneen uummata Oromoo dararuuf bobba’an irratti haxxee hidhuun konkolaataa isheen ittiin dhufte irratti haleellaa banuun loltoota sirnichaa irraa hedduu ajjeesuun kaanis madoo dandammii hin qabneen adabee qawwee AKM tokkoo fi  hidhannoo mudhii guutuu dugda ishee irraa hiikuun galii mooraa qabsoo bilisummaa Oromoof godhee jira

Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii Harsadee kaleessa Adoolessa 9, 2024 ganama godina Baha Shaggar aanaa Fantaallee ganda Gidaaraa jedhamtutti tarkaanfii laalessaa waraana maafi’aa Abiy Ahimed irratti fudhateen du’aa fi madoon adabee meeshaalee irraa hiikee jira.

Tarkaanfii kanaanis ergamtoota Biraanuu Juulaa irraa: 

  • Isnaayippera 1
  • AKM 6
  • Hidhannoo 2
  • Rasaasa isnaayippera 60
  • Uffata bokkaa fi meeshaalee waraanaa adda addaa irraa hiikuun dantaa qabsoo bilisummaa Oromoof galii taasisee jira.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading