• Wed. Mar 18th, 2026

WBOn Baha Shaggar aanaa Fantaallee fi Boosat gidduutti waraana bilxiginnaa du’aa fi madoon adabuun harkaan qabe

Jul 10, 2024

ONM-ABO Adoolessa 9, 2024

Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii Harsadee tarkaanfii Baha Shaggar aanaa Fantaallee fi Boosat gidduu ganda Hulluqqoo Hurutaa iddoo addaa Ulaagaa jedhamtutti marsaa 2ffaaf waraana faashistii PP irratti har’a waaree booda Adoolessa 9 geggeesseen injifannoo boonsa galmeessee jira.

Tarkaanfii kanaanis waraana faashistii PP irraa 3 ajjeesee gariin madeessuun tokko jiraatti harkaan qabee jira.
Gama meeshaatiin qawwee AKM Turkii 3 ,rasaasa AKM 200, hidhannoo 3 fi meeshaalee adda addaa irraa dhuunfatee jira.

Tarkaanfii ganama aanaa Fantaallee ganda Gidaaraa bakka addaa Battala Kormaa jedhamutti fudhateen qawwee AKM, isnaayippera, rasaasaa fi hidhannoo irraa hiikuu gabaasnee turre.

Injifannoon Uummata Oromoof ❗

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading