• Tue. Jan 13th, 2026

Afriikaan Kibbaa mirga Falasxiin falmuu itti fufti jedhan ministeerri haajaa alaa haaraa Afrikaa Kibbaa

Jul 13, 2024

ONM-ABO Adoolessa 12, 2024

Ministirri Dhimma Alaa Afrikaa Kibbaa haaraa muudaman Roonaald Laamoolaa Kamisa kaleessaa akka jedhanitti, biyyi isaanii mirga ummata Falasxiin eeguu fi seerri addunyaa hundaaf haqaan akka hojiirra oolu dhaabbilee addunyaa keessatti socho’uu itti fufti jedhan.

Jalqaba baatii kanaa erga muudamanii booda imaammata alaa irratti marii uummataa jalqabaa Keep Taawun keessatti taasisaniin, Laamolaan, “Afrikaan Kibbaa jiraachuu uummata Falasxiin akka gareetti eeguuf humna ishee hundaan deggersa gochuu itti fufti” jedhan.

Akkasumas, gochoonni Appaartaayidii fi duguuggaa sanyii uummata Falasxiin irratti raawwataman hundi akka xumuramuuf biyyittiin dhaabbilee addunyaa waliin akka hojjettu himaniiru.

Laamoolaan Afrikaan Kibbaa lammiilee Falasxiin waliin gara mirga waloo hiree murteeffannaa isaanii dhugoomsuutti akka deemtu kan ibsan yoo ta’u, kunis dhimma duguuggaa sanyii biyyattiin Israa’el irratti Mana Murtii Idil-addunyaatti dhiheessite irraa kan odeeffamu ta’uu ibsaniiru.

Kanaan dura ministeera haqaa fi tajaajila mana amala sirreessaa ta’uun kan tajaajilan dippilomaatiin olaanaa kun, Afrikaan Kibbaa UN dabalatee waltajjiiwwan biyyoota hedduu adda addaatiin rakkina Falasxiinotaa ol kaasuu itti fuftee jirti jedhan.

“Imaammanni alaa keenya seenaa gamtaa namoota cunqursaa fi dhuunfachuu irratti qabsaa’an waliin qabnu irratti waan hundeeffameef, uummanni Sahaaraa Dhihaa hiree murteeffannaa barbaaduu keessatti deeggarsa gochuu itti fufna,” jedhan.

Laamoolaan akka jedhanitti, Afrikaan Kibbaa haaromsa dhaabbilee bulchiinsa addunyaa kan akka Mana Maree Nageenyaa Mootummoota Gamtoomanii kan dhugaa siyaasaa fi dinagdee addunyaa yeroo ammaa kan hin calaqqisiifne ta’uu fi fedhii Kibba Addunyaatiif caalaatti bakka bu’ummaa fi deebii kennuu qabdi jedhan jechuun Anaadooluun gabaaseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading