• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Arsii Bahaa aanaa Sirkaa keessatti hidhattoota sirnichaan ajjeechaa fi hidhaan jabaatee jira

Jul 13, 2024

ONM-ABO Adoolessa 12, 2024

Ergamtoonni nafxanyaa kaayyoo minilikiin milkeessuuf halkanii fi guyyaa dhama’an sirni abaaramaan dhiiga qulqulluu dhangalaasuun qe’ee Oromoo dirree lolaa fi dirree dhiigni itti dhangala’u akka ta’uuf karoorsanii hojjechaa jiran bilxiginnaan, gocha isaanii kana har’as jabeessanii itti fufanii jiru.

Akkaatuma kanaan Arsii Bahaa aanaa Sirkaa keessatti waraanni fi finxaaleeyyiin Amaaraa waliin ta’uun manneen uummata naannichaa abidda itti shiduun manneen 18 ol gubuun uummata naannichaa buqqisaa jiraachuu isaanii torbee lamaan dura gabaasnee kan turre yoo ta’u, yeroo ammaas gocha kana jabeessuun uummanni rakkoo hamaa keessa galanii jiraachuun ifoomeera.

Waraanni faashistii PP namoota buqqaa’an bakkuma manni isaanii irraa gubatetti akka hin deebineef waraanni sirnichaa irraa dhorkaa kan jiru yoo ta’u, kanneen aanaa Diigaluu fi Xijjootti baqatan achii adamsanii hidhaa jiru.

Namoonni aanaa Diigaluu fi Xijjootti baqachuun achittis hidhaman maqaan isaanii Tuunee Urgeessaa, Kadir Arsiisoo, Badiroo Abbaasaa, Saaduu Tunee fi Bunee Hajii Usmaan yoo ta’an, aanaa Sirkaa irraa ammoo mana hidhaatii  baasanii kan ajjeesan Siraaj Abbaas, Alii Maammaa fi Bashaa Kadiroo ta’uun barameera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading