ONM-ABO Adoolessa 12, 2024
Caasaan bilxiginnaa teessoo siyaasa nam-tokkee tiksuuf jecha guutummaa Oromiyaa keessatti bobbaafaman guyyaa gara guyyaatti hawaasa nagaa siyaasa kam keessaa qooda hin qabne reebuu, hidhuu, saamuu fi ajjeesuu hojii idilee taasifatanii jiraachuun beekameera.
Adoolessa 9, 2024 godina Qellem Wallaggaa aanaa Hawwaa Galaan ganda Hawwaa Fincootti nama maqaan isaa Obbo Takkaa Dhinaa jedhamu waraanni impaayeera Itoophiyaa kabajaa fi safuu namummaa hin beekne “WBO nyaachistee obaaste” jechuun reebicha hamaa erga irraan ga’aniin booda mataa qawween tumachuun mataa baqaqsanii jiraachuu jiraattonni gandichaa himan.
Kana malees, guyyuma kana dargaggoota maqaan isaanii Takkaa Tarfaa fi Carraa Girmaa jedhaman ”quunnamtii Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu” jechuun harka duubatti hidhanii reebicha hamaa erga irraan ga’aniin booda fuudhanii achi buutee isaanii dhabamsiisuun hanga har’aatti maal irra akka isaan jiran kan hin beekamne ta’uu jiraattonni ONM’tti himanii jiru.




