• Tue. Jan 13th, 2026

Jeetiin Raashiyaa yeroo yaalii balalii gootutti naannoo bosona Moskootti kufte

Jul 13, 2024

ONM-ABO Adoolessa 13,2024 Xiyyaarri imaltoota Raashiyaa kan hojjettootni qofti keessa turan naannoo Moskootti akka kufte ministeerri balaa tasaa biyyattii beeksise.

Xiyyaarri Sukooyi Suupperjeet 100 bosona keessatti kan kufte yoo ta’u, hojjettoonni xiyyaarichaa sadii ajjeefamaniiru jedha  ibsi kun.

Miidiyaaleen mootummaa Raashiyaa akka gabaasanitti xiyyaarri kun hojii suphaa hordofuun balalii yaalii irratti akka kufe gabaaseera.

Kanas Raashiyaan xiyyaarota biyyoota Dhihaatiin hojjetaman bakka buusuuf Sukooyi Suupperjeet – jeettii naannoo yeroo muraasaaf hojjechaa turte.

Bara 2022’tti weerara guutuu Yukireen irratti raawwatteen qoqqobbii cimaan kan irra kaa’ame Raashiyaan, xiyyaarota ishee dulloomaa jiran bakka buusuuf rakkatteetti.

Ministeerri balaa tasaa Raashiyaa ibsa gabaabaa Jimaata kaleessaa kenneen xiyyaarri kun naannoo bosonaatti kufe.

Dhaabbanni ittisaa mootummaa Roostech akka jedhetti xiyyaarri kun bara 2014 tajaajilaaf kan seene ta’uu ibseera.

Bara 2012 booda balaa qilleensaa Sukooyi Suupperjeet 100 hirmaachise isa sadaffaadha.

Waggoota darban keessatti pirojektiin Suupperjeet kun duubatti deebi’iinsa injinariinjii fi harkifannaa oomishaatiin kan manca’e yoo ta’u, dizaayinaroonni qaamolee aviyooniksii ijoo warra Dhihaa bakka buusuuf rakkachaa turaniiru jechuun BBC’n gabaaseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading