• Sun. Mar 15th, 2026

Godina Baha Wallaggaa aanaa Limmuutti finxaaleeyyiin Amaaraa Faannoon uummata Oromoo qe’ee fi qabeenyaa isaarraa buqqisan

Jul 16, 2024

ONM-ABO Adoolessa 16, 2024

Kutaalee Oromiyaa adda addaatti finxaaleeyyiin Amaaraa Faannoon ergamtoota bilxiginnaa waliin ta’anii hawaasa nagaa irratti duguuggaa sanyii geggeessuun yakkoota gara jabinaa tilmaama hin qabne raawwachaa kan turanii fi itti jiran yommuu ta’u, gocha isaanii kana itti fufuun finxaaleeyyiin Amaaraa kun godina Baha Wallaggaa aanaa Limmuutti uummata Oromoo qe’ee fi qabeenya isaarraa buqqisuun eerameera.

Buqqaatiin bakkoota hedduutti finxaaleeyyii Amaaraa Faannootiin uummata nagaa irratti gaggeeffamu ammallee itti fufuun, Adoolessa 14, 2024  aanaa Limmuu bakka addaa Fandasaa jedhamutti uummata Oromoo nagaan qe’ee isaa irra jiraatu itti dhukaasuun namoota 200 ol qe’ee fi qabeenya isaanii irraa buqqisuu jiraattonni gandichaa ifoomsan.

Namoonni hedduun qe’ee fi qabeenya isaanii irraa baqatanii lubbuu isaanii oolfachuuf bakka Bareedduu jedhamee beekamutti baqatanii jiraachuu jiraattonni kun itti dabaluun ibsaniiru.

Humna badii finxaaleessaa Amaaraa adda durummaan hidhachiisuu fi odeeffannoo isaaniif qooduun kan uummata hiraarsaa jiran aanga’ota mootummaa aanichaa ta’uun himameera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading