ONM-ABO Adoolessa 16, 2024
Murni bilxiginnaa fi hidhattootni Finxaaleeyyii Amaaraa Faannoon akkuma beekamu aadaa, duudhaa, safuu fi eenyummaa uummata Oromoo Walloo dhabamsiisuuf duula duguuggaa Sanyii uummaticha irratti raawwachuu kan eegalan waggoota hedduu haa lakkoofsisan iyyuu malee kan bara 2019-2024 kana irratti geggeeffamaa jiru fedhii lafa babal’ifannaa kan hawaasicha lafa irraa balleessuu, qabeenyaa jalaa saamuu, gubanii barbadeessuu fi qe’ee irraa godaansisuu ta’ee jira.
Akkuma kanaanis Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Harxummaa Fursee keessatti Adoolessa 15, 2024 bakkoota akka Diidoo fi Cirriitti sa’a 9:00 irraa eegaluun lola hidhattootni Finxaaleeyyii Amaaraa Faannoon uummata nagaa irratti bananiin namni tokko yoo du’u, namoonni 5 madaa’uun qabeenyaan jiraattotaas manca’eera jedhu.
Namoota humnoota badii Finxaaleyyii Faannoo kanaan ajjeefaman keessaa Husseen Umar jiraataa ganda Haroo kan ta’e keessatti kan argamu yoo ta’u, warroonni madaa’an ammoo magaalaa Caffaa Roobit irraa abbaa fi ilma Husseen Umar fi Umar Husseen ganda Jaarraa irraa Usmaan Hasan Ammee, Adam Mahammad Adam, Adam Mahammad Aliyyee kanneen jedhaman madaa’uu fi madoon isaanii illee cimaa akka ta’e jiraattotni dabaluun himaniiru.
Akka jiraataan tokko ONM’tti himetti Adoolessa 15, 2024 ganama hidhattootni Finxaaleeyyii Amaaraa Faannoo kun nama nagaa qonna qotaa jiru riphanii itti dhaquun dhukaasa irratti banuu kan nuuf hime yoo ta’u, namni kunis yaalii ajjeechaa irratti taasifame jalaa bahuun, gara galgalaa ammoo hidhattootni kun isatti waan milkaa’uu dadhabaniif qe’ee fi ooyruu namootaa deemuun dhukaasa bananiin lubbuun namootaa darbuu fi madaa’uun qabeenyaa hedduunis saamamuu himeera.

