ONM-ABO Adoolessa 18, 2024
Gareen cunqursitootaa bilxginnaan bakka isaaniif hin malle dhaabbatanii waa’ee lammiileen biroo biyyoota ollaatti lola waraanaatiin miidhamaa jiranii kan dubbatan, mataan nafxanyootaa Abiy Ahimed biyyoota ollaatti yeroodhaa yerootti deddeebi’uun nageenya faarsaa imphaayera ofii keessa jirutti ammoo ibidda samii fi lafa irraan lammiilee nagaatti roobsaa jira.
Bifuma kanaanis Koloneel Abiy Ahimed rakkoo Oromoon keessa jiruuf furmaata waaraa kaa’uu dhiisee daranuu imphaayerattiin akka jeeqamtuuf loltoota bobbaasuun cinaatti namoota basaasummaaf oolan bakkeewwan hedduutti maqaa adda addaan leenjisee namoota ittiin hiraarsuu jabeesseera.
Akka Jiraattonni godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanolee adda addaa irraa rakkoo keessa jiran himanitti, bilxiginnaan maqaa tapha kubbaa miillaa jedhuun ji’oota sadii-sadiin dargaggoota walitti fidee, sochii Waraana Bilisummaa Oromootti gufuu akka ta’anii fi hawaasa waliin wal irraa akka fagaataniif gadi fageenyaan hojjechaa jira jiechuun dubbatu.
Irra caalaatti taphoonni adeemaa jiru fedhii ispoortiif qaban osoo hin taane dargaggoota tapha kanaaf baadiyyaa fi magaalaa irraa imalan hundaa harka isaanii galfachuun haala salphaan sochii WBO ni to’anna karoora jedhu of keessaa akka qabanis dabaluun ONM’tti himaniiru.

