• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Baha Wallaggaa aanaa Giddaa Ayyaanaatti loltoonni imphaayera Itoophiyaa shamarran lama rasaasaan rukutuun madeessan

Jul 19, 2024

ONM-ABO Adoolessa 19, 2024

Abbaan irree kan ofii isaatii jedhe malee uummata hin dhaggeeffannee fi fedhii hawaasaaf gurra hin laanne  gama danda’u hundaan ciqilee isaan uummata Oromoo irra dhaabbachuun murnoota isaa kallattii hundaan bobbaasee gochoota ilmaan namaa irratti raawwatamanii hin beekne hunda raawwachaa jira. Hiraarsa hammaataa abbaa irrummaa isaa ifatti agarsiisaa kan jiru Bilxiginnaan, godina Baha Wallaggaa aanaa Giddaa Ayyaanaatti loltoonni faashistii Abiy Ahimed shamarran lama rasaasaan rukutanii madeessuun himameera.

Aanicha ganda Konnojjii jedhamee beekamutti Adoolessa 9, 2024 shamarree maqaan ishee Faqqaduu Maammoo Abdiisaa jedhamtu osoo isheen abbaa isheef bishaan farra haramaa inni ittiin biifu guuraafii jirtuu ergamtoonni Bilxiginnaa   itti dhukaasuun garaa isheerra rukutanii yoo madeessan,  hiriyyaan ishee barattuu kutaa 10’ffaa kan taate Ayyaantuu Wayyeessaa Abdii kan jedhamtu shamarree rukutamte lafaa kaasuuf dirmattee yoo dhaqxuuf ishees itti dhukaasanii dugda isheerra rasaasaan rukutuun rasaasni osoo hin ba’in qaama ishee keessatti kan hafee fi yeroo ammaa kanas hospitaala Giddaatti yaalamaa jiraachuu isaanii namoonni itti dhiyeenyaan beekan ni dubbatu.

Kana malees, loltoonni maafi’aa  PP kun “WBO nyaachiftu; karaa itti agarsiiftu” jechuudhaan jiraattota aanichaa irratti dararaa hamaa irraan gahaa jiraachuu maddeen keenya itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading