• Sat. Jan 3rd, 2026

Godina Lixa  Wallaggaa aanaa Qilxuu Kaarraatti dargaggoon tokko ajjeefamuu fi haadhi tokkos madaa’uun himame

Jul 19, 2024

ONM-ABO Adoolessa 19, 2024

Oromiyaa keessatti waraanni gabroomfataan PP maqaa olaantummaa seeraa eegsisna jedhuun bobba’an yakka tokko malee namoota nagaa ajjeesuu cimsanii itti fufuun guyyoota lamaan darban kanatti godina Lixa Wallaggaa aanaa Qilxuu Kaarraatti namoota nagaa lama rasaasaan rukutuun tokko ajjesuun, tokko madeessan.

Haaluma kanaan, jiraattota aanaa Qilxuu Kaarraa ganda Qonnaan Bulaa kan ta’an dargaggoo Daawwit Hiikaa Mul’aataa fi haadha warraa obboleessa isaa kan maqaan ishee nu hin geenye tokko waraanni bulchiinsa magaalaa Qilxuu Kaarraa irraa bobba’e  rasaasa itti dhukaasuun dargaggoo Daawwit ajjeesee haadha kanas madeessuu jiraattonni ONM’tt himan.

Dargaggoon Daawwit Adooleessa 17, 2024 guyyaa sa’a 6:00’tti yoo ajjeefamu, haadha warraan obboleessa isaa ammoo Adooleessa 16, 2024 halkan mana isheetti waraana gabroomfataa PP kanaaan rasaasaan madooftee yeroo ammaa haalli fayyummaa ishees yaaddeessaa akka ta’e itti dabaluun himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading