ONM-ABO Adoolessa 19, 2024
Bilxginnaan sabni Oromoo eenyummaa ofiii isaa, aadaa, duudhaa fi sabboonummaa mataa isaatiin akka hin jiraanneef loltoota isaa kallattii hundaan Oromiyaa guutuutti bobbaasee ajjeechaa osoo raawwachaa jiruu, ajjeefamuun sabichaa illee ija addunyaa jalaa dhokachuun, har’as tooftaa adda addaan ajjeechaas ta’e saamicha, hidhaas ta’e buqqaatii geggeessaa jira.
Adooleessa 18, 2024 Lixa Wallaggaa aanaa Qilxuu Kaarraatti waraanni faashistii PP kun miidhaa guddaa uummata irratti geggeessaa turaniiru.
Akka Jiraattonni ona Qilxuu Kaarraa irraa ONM dubbise himanitti, waraanni faashistii PP bulchiinsa magaalaa Qilxuu Kaarraa irraa rifeensa nam-tolcheen of faayuun gandoota baadiyyaa Waandii Daallee fi Buukee Akkachee jedhamutti halkan of dhoksuun bobbaa’anii guyyaa irraa argamanii hawaasa goyyomsuuf yaalii taasisaa turaniiru.
Ergamtootni Bilxiginnaa nyaata uummata irraa dirqamaan nyaachaa, daandii nu agarsiisaa fi kanneen biroon dirqisiisanii irraa fayyadamaa jiraachuu ibsan.
Waraanni faashistii PP WBO of fakkeessuun sochii erga taasisanii boodas loltoonni biroon ammoo akka waan haleellaa raawwachuuf bobbaa’aniitti walirraa fageenya godhatanii dhukaasa hawaasa nagaatti bananiin namootni baqachuun miidhaaf saaxilamanii jiraachuun barameera.

