• Tue. Jan 13th, 2026

Hoogganaan finciltoota Sudaan Kibbaa hoogganaa humna dafee qaqqabaa Sudaan waliin wal arguu haale

Jul 20, 2024

ONM-ABO Adoolessa 20, 2024

Hoogganaan finciltoota Sudaan Kibbaa walgahii hoogganaa Humnoota dafee qaqqabaa Sudaan (RSF) waliin Keeniyaa Naayiroobiitti taasifame jedhamee gabaafame haale.

Gabaasni miidiyaalee, maddeen eenyummaan isaanii hin beekamne akka jedhanitti hoogganni finciltoota waraana uummata Sudaan Kibbaa hoogganaa RSF Jeneraal Mohaammad Hamdan Dagalo waliin wal argan jedha.

Gareen kun ibsa kenneen, Jeneraal Buuy waraana Sudaan keessatti deemaa jiru keessatti Raayyaa Ittisa Biyyaa Sudaan mormuun RSF buufata isaanii hedduu keessatti akka injifatuu fi ari’u gargaaruu isaatiin Doolaara miiliyoona 10 kenne jechuun isaa soba ta’uu ibseera.

Himannaan kun bu’uura kan hin qabnee fi amanamummaa tokkollee kan hin qabneedha jechuun humni finciltoota waraana uummata Sudaan Kibbaa balaaleffate.

Finciltoonni sochii waraana uummata Sudaan Kibbaa waliigaltee kamirrattiyyuu akka hin bobbaane, waldhabdee Sudaan keessatti uumame keessattis akka hin hirmaanne ibse.

Nuti RSF waliin hariiroo kan hin qabne ta’uu fi hoogganaan keenya gara Keeniyaa Naayiroobii kan deemaniif sababa rakkoo fayyaa qabaniifii jechuun dubbatan.

Ibsichi akka jedhutti, marii Keeniyaa Naayiroobii keessatti gaggeeffamaa jiruuf kutannoo isaa cimsee akka itti fufu ibsuun, kunis waltajjii murteessaa mormitootaaf ta’aa jedhu.

“Sabni keenya nagaa waaraa baay’ee barbaada, tokkummaa fi tattaaffii waloo qofaan gara egeree badhaadhina qabu ijaaruuf carraaquu kan dandeenyu” jechuun ibsichi xumureera.

Humni Dafee Qaqqabaa Sudaan gareewwan finciltoota Sudaan Kibbaa to’achuu fi keessummeessuun kan dhaabbilee boba’aa naannoo sana jiraniif eegumsa waliinii kennuuf yaada qaba jechuun Sudaan Tiribiyuun gabaaseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading