• Thu. Mar 19th, 2026

Godina Arsii Lixaa  magaalaa Shaashamannee keessatti kaabinoonni godinoota 3 irraa walitti dhufuun akkamitti waloon nagaa eegganna jechuun marii irra jiraachuun baramee jira

Jul 23, 2024

ONM-ABO Adoolessa 22, 2024

Miindeeffamtootni Bilxiginnaa ajandaan maree isaanii  magaalaa Shashamannee ganda 01 hoteela Gaaddisa Oromoo jedhamu keessatti Adoolessa 18, 2024 irraa eegaluun hanga Adoolessa 20, 2024’tti WBO’n godina Arsii Bahaa fi Arsii Lixaa  nu harkaa dhuunfatee jira, ammas godina Baalee seenee hawaasa barsiisuu fi tarkaanfii fudhachuu eegalee jira. Biyya nu harkaa dhuunfachuuf jiru, kanaaf dafnee osoo caasaan isaanii godina Baalee keessatti hin babal’anne yeroo yeroon hawaasa marii teessisuun gocha WBO’n hin qabneen hawaasa sodaachisuufaa irratti akka hojjennu jechuun isaaniis beekameera.

Dabalataanis waraanuma keenya keessaa maallaqa daballeefii rifeensa nam-tolchee itti hojjechiifnee lafa WBO’n socho’an keessatti nama hawaasa isaa keessatti jaalatamaa ta’e nuti WBO’dha jennee ajjeesnee hawaasni warra hafe akka balaaleffatu gochuu qabnas jedhanii karoora baafachuun isaaniis ibsameera. 

Kana malees itti iyyaa meeshaa qabdaniin of irraa ittisaa isin saama, isin ajjeesa kanaaf osoo gochi kun isin irratti hin raawwatamin waliif birmadhaa jechuun hawaasa haala kanaan mariisisuuf akka jiran hirmaataan walga’ichaa tokko ibseera.

Namootni caasaa isaanii ta’anii shakkaman qorannoo tokko malee ija hawaasaa duratti ajjeesnee warroota kaan ittiin  jiilchina jechuun dhaadachaa turuun barameera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading