• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Guduruutti waraanni PP dhuganii machaa’uun hawaasa nagaa irratti miidhaa qaamaa ulfaataa qaqqabsiisan

Jul 23, 2024

ONM-ABO Adoolessa 22, 2024

Saayinsii waraanaa kan hin beekne, waadaa uummataaf galan kan hin eegnee fi naasuu tokkollee uummata Oromoof kan hin qabne waraanni imphaayera Itiyoophiyaa, goleewwan Oromiyaa adda addaatti gocha waraanummaan hin heyyamne ilmaan Oromoo dhiiraa fi dhalaa osoo hin jenne uummata cufa irratti dararaa ulfaataa qaqqabsiisaa jira.

Haaluma kanaan, godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Guduruutti waraanni imphaayera Itiyoophiyaa dhugaatii nama macheessu dhuganii machaa’uun namoota 3 irraan miidhaa qaamaa ulfaataa qaqqabsiisuun himameera.

Waraanni faashistii PP Adoolessa 19, 2024 galgala ganda Illaammuu Xarafoo jedhamutti dhugaatii alkoolii dhuganii machaa’uun badii tokko malee uummata nagaa irratti reebicha hamaa ta’e raawwachuun namoonni 3 miidhaa qaamaa ulfaataaf saaxilamuu maddeen keenya itti dhiyoo eeran.

Nama maqaan isaa Barsiisaa Maammoo jedhamu garmalee reebuun ilkaan baay’ee irraa yommuu cabsan, nama maqaan isaa Baalchaa Camadaa jedhamu uuruu qawween dhahanii mataa baqaqsuun, nama Addunyaa Barsiisaa jedhamu immoo harka isaa tokkorra rukutanii cabsuun miidhaa qaamaa ulfaataa irraan ga’uu maddeen keenya Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading