• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Jimmaa magaalaa Jimmaatti lukkeeleen bilxiginnaa namoota hedduu leenjisuun hojii basaasummaatti bobbaasaa jiraachuun saaxilame

Jul 23, 2024

ONM-ABO Adoolessa 23, 2024

Leellistoonni imphaayera Itiyoophiyaa bara aangoo isaanii dheereffachuuf ifaajaa kan oolan rakkoowwan siyaas-dinagdee roga maraan isaan mudate of dandammachiisuuf tooftaalee adda addaa bocuun uummata harkaa gara afaanii jiraatu sababoota adda addaa itti uumuun goyyomsanii akka soogiddaatti maallaqa xiqqoo dura qabanii hojiilee siyaasaa isaanii hoji dhabdootatti fayyadamuun geggeeffataa jiraachuun ni beekama.

Haaluma kanaan, magaalaa Jimmaatti lukkeeleen bilxiginnaa namoota hedduu leenjisuun hojii basaasummaatti bobbaasanii jiraachuun saaxilamee jira.

Lukkeeleen bilxiginnaa godinichaa hoji dhabeeyyii kanneen jedhaman barattoota manneen barnootaa olaanoo irraa barnoota xumuranii fi barsiisota sadarkaa garaa garaa irra jiran walitti qabanii galmeessuun bakkeewwan sadii: waajjira ganda Qocii, Koomuniitii fi waajjira PP godinichaatti leenjii basaasummaa kennaafii kan jiran ta’uu icciitiin keessoo isaaniitii ba’e ni mul’isa.

Akka namni itti dhiyeenyaan beeku tokko jedhutti, “Namoonni leenjii kana fudhataa jiran dirqama itti kennamu bahachuuf jecha haala sochii namoota magaalichaa hordofuu, sabboontota Oromoo adamsanii qabsiisuu, mana bunaa fi shaayee akkasumas, bakkoota garaagaraatti bobba’uun eenyummaa isaanii gansiisuuf leenji’aa jiru” jechuun dubbata.

Magaalaa Jimmaatti sabboontonni ilmaan Oromoo adamsamanii mana hidhaatti guuramaa kan turan karaa basaastota kanaa ta’uu fi mana hidhaatti dararaa hamaa argaa jiraachuu itti dabaluun ibseera.

Imphaayerattii keessatti paarlaamaa Adoolessa 4, 2024 taa’ameen Abiy Ahimed biyya keessatti namoota miliyoona 3.4’f hojii uumnee jirra jedhus dargaggootni hojii dhabuuf yakka irratti bobba’anii jiraachuu ragaaleen gama Tigraay fi Oromiyaa irraa ba’u ni addeessa.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading