ONM-ABO Adoolessa 22, 2024
Sirni mooraan isaa guyyaa guyyaan diigamaa jiru Bilxiginnaan, ammas rakkoon moorichaa itti fufuun dhiibbaa sanyummaa fi walitti bu’iinsa sabootaa mooricha keessatti uumamaa jiru hubachuun ilmaan Oromoo sabboonummaa qaban mooraa dabaa bilxiginnaa hin tajaajillu jechuun hidhannoo guutuun WBO’tti makamuu jabeessaniiru
Haaluma kanaanis Adooleessa 20, 2024 waraanni raayyaa ittisa imphaayerattii lama kan sabaan Oromoo ta’an naannoo Beenishaangul Gumuz aanaa Bildigiluu irraa gooticha waraana bilisummaa Oromootti hidhannoo guutuun makamuun ifoomeera.
Gama meeshaatiinis qawwee AKM Turkii 2, gumbii 4 fi rasaasa 150 mooraa sirnichaa keessaa baasuun dantaa galii qabsoo Bilisummaa Oromoof oolchaniiru.
Loltoonni sirnichaa yeroo ammaa bakkeewwan hedduutti WBO’tti dabalamaa kan jiran ogguu ta’u, gama WBO’tiinis simannaa ho’aan taasifamaa kan jiruu fi loltoonni dhiibbaa sirnichi saba Oromoo irratti taasisaa jiru hubattanii jirtanis akkuma keenya yeroon keessaa ba’aa jechuun loltootni Bilxiginnaa qawwee fi hidhannoon WBO’tti makaman dhaamsa Oromummaa dabarsaniiruuf.


