ONM-ABO Adoolessa 24, 2024
Ergamtootni bilxiginnaa hojiiwwan tarsiimoo kiyyaa jechuun faallaa aadaa qonnaan bulaa naannoo fi faayidaa biqilootaa qonnaan bultootni irraa argatanii deemuun biqiloota namootni ijaarsaaf itti fayyadaman mursiisaa fi mala adda addaan balleessaa jira.
Haaluma kanaan, godina Jimmaa aanaa Saqqaa Coqorsaatti lukkeeleen Bilxiginnaa baargamoo uummataa irratti helekoopteriin farra biqilootaa biifuun eerameera.
Akkuma guutuu godina Jimmaatti namni tokko biqiltuu baargamoo dhaabnee fi yoo qabaate, waggaan muka tokkotti qarshii 25’fi heektaara tokkotti immoo waggaan qarshii 20,000 akka kaffalu murteessuu irraa kan ka’e baay’een jiraattota godinichaa “biqiltuu keenyatti mootummaaf hin kaffallu” jechuun muranii yoo gatan kuun immoo kan ittiin morman ta’uu isiniif gabaasaa turuun keenya ni yaadatama.
Aanaa Saqqaa Coqorsaa ganda Dooyyoo Qacamaa jedhamu keessatti biqilaa baargamoo jiraattonni qaban irratti mootummaan imphaayera Itoophiyaa helekoopteriin farra biqilootaa biifuun baargamoo uummataa gogsaa jiraachuu jiraattonni gandichaa eeran.
Biqiltuu baargamoo uummataa farra biqiltuu gogsu itti biifee balleessuun biqilaa baala shaayii immoo bakka buusuuf lafa qonnaan bultoota maqaan isaanii:
- Gaalii Abbaa Jihaad,
- Abalsa’id Sheek Iisaa fi
- Abdulklqaadir Abbaa Jihaadii kanneen jedhaman yoo ta’u,
jarreen kana jalaa humnaan lafa isaanii saamuun jiraattota gandichaa hundaan loltoonni sirnichaa dirqamsiisanii “sharafa alaa argamsiisa” jechuun baala shaayii dhaabsisaa jiraachuun baramee jira.


