ONM-ABO Adoolessa 31, 2024
Muummichi ministeera Xaaliyaanii Joorjiyaa Meelooniin Kibxata kaleessaa akka jedhanitti Chaayinaan waraana Raashiyaa fi Yukireen deemaa jiru xumuruuf gargaaruu keessatti “taphataa ijoo” ta’uu dandeessi jedhan.
“Chaayinaan, seera bu’uuraa abbaa biyyummaa fi qulqullina naannoo yeroo hunda iyyattu irraa eegalee, qaamolee nagaa haqaa adda baasuuf gargaaruu keessatti taphataa ijoo ta’uu dandeessi jedheen amana,” jechuun Mrelooniin imala guyyoota shaniif gara Chaayinaa itti fufteetti gaazexeessitootatti himteetti.
Haa ta’u malee, Melooniin deeggarsa dinagdee Beejiing Raashiyaaf goote naannoo “waldhabdee guddaa” ta’uu dubbataniiru.
Kan hubatamuu qabu daldalli biyyoota lamaanii Raashiyaa fi Chaayinaa gidduutti bara darbe gara doolaara biiliyoona 240’tti ol guddachuu isaa lakkoofsi seeraa ni mul’isa.
Biyyoonni dhihaa Ameerikaan durfamu Chaayinaan Moskoo irratti dhiibbaa uumuun waraana kana xumuruuf akka gargaartu dhiibbaa godhaniiru.
Beejiing Raashiyaa “hojii waraanaa addaa” Yukireen keessatti raawwatte irratti balaaleffachuu yoo didde, Chaayinaan garuu abbaa biyyummaa fi qulqullinni naannoo saboota hundaa akka kabajamu gaafatteetti.
Meelooniin garuu hariiroo Beejiing waliin qaban “deebistee eegaluuf” waadaa kan galte yoo ta’u, gareewwan lamaan murteewwan darbanii fi haaraa hojiirra oolchuuf waliigaltee waggaa sadii mallatteessaniiru.
Waldhabdee Baha Giddu Galeessaa keessatti uumame ilaalchisee muummittii ministeera Xaaliyaanii Israa’el ”kiyyoo haaloo ba’uu keessatti akka hin kufne” gaafataniiru.
Melooniin haala Libaanos fi balaa naannootti hammachuu danda’uun “baay’ee yaaddoo” akka qabdu dubbatteetti.
Hawaasni addunyaa ”ergaa jiddu galeessatti erguu akka itti fufu” gaafachuun, muummittiin ministeeraa Chaayinaan Iraan, akkasumas Sa’udii waliin ”hidhata cimaa” qabaachuudhaan tattaaffii kana keessatti gargaaruu dandeessi jedhan jechuun Anaadooluun gabaaseera.






