• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Baha Wallaggaa aanaa Gudayyaa Biilaatti waraanni bilxiginnaa manneen hawaasaa gubuu fi saamicha cimsanii itti fufan

Jul 31, 2024

ONM-ABO Adoolessa 31, 2024

Waraanni Sirna dhableessi imphaayera bututtuu Itiyoophiyaa goleewwan Oromiyaa bakkoota garaa garaa keeessatti maqaa “Waraana Bilisummaa Oromoo gargaartu” jedhuun mana uummata nagaa barbadeessuu fi qabeenya uummataa saamuu akkuma itti fufanitti jiru.

Haaluma kanaan, Adoolessa 26, 2024 godina Baha Wallaggaa  aanaa Gudayyaa Biilaa ganda Gonka Ijaa jedhamutti waraanni sirnichaa “Qeerroo Bilisummaa Oromoo waliin hojjetta” jechuun nama maqaan isaa Obbo Biraanuu Gammadaa jedhamu afaan qawwee itti qabuun, mana isaatti erga boba’aa firfirsiisaniin booda, ofiisaatiin akka ibidda itti kaa’u dirqisiisuun gubsiisanii, horii gaanfaa sagal ammoo jalaa ooffachuu jiraattotni himan.

Akka jiraattootni kun jedhanitti “waraanni safuu fi ooda uummataa hin beekne kunneen guyyaadhaa gara guyyaatti gocha gara jabeenyaan guute nu irratti raawwachaa jiru jedhan. Gocha suukkaneessaa qaamotuma biyya bulchaniin nu irratti raawwatamaa jirus nama itti himannu dhabnee, wayita ammaa jireenya yaaddoon guute jiraachaa jirra” jechuun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading