ONM-ABO Adoolessa 31, 2024
Obbo Ahimed Muusaa Alishoo abbaa isaa Muussaa Alishoo fi haadha isaa Aaddee Moommoo Hossorraa irraa bara 1958’tti Baha Harargee aanaa Qarsaatti dhalatanii guddatan.
Obbo Ahimad akkuma Oromoo kamii miidhaa fi gidirfama ilmaan Oromoo irratti raawwatamaa jiru obsuu dadhabuun bara 1988 qabsoo ABO’n geggeeffamutti dabalamee uummata isaaf falmachaa ture.
Innis erga ABO’n 1992 booda chaartera keessaa dhiibamee bahee hojii dhuunfaa isaa daldalatti deeb’iuun magaalaa Dirre Dhawaa keessatti hojii daldalaa eegaluun jireenya isaa geggeeffachuu jalqabe.
Boodarras akkuma sabboontota ilmaan Oromoo hedduu TPLF’n dararamaa turan Obbo Ahimedis adamfamuun magaalaa Dirre Dhawaa keessaa qabamuun yeroo dheeraaf mana hidhaa keessatti hiraarfamaa ture.
Turtii yeroo dheeraa booda mana hidhaa irraa baafamee jireenya isaa geggeeffachuu yaalus adamsaan humnoota TPLF’n jabaatee itti fufee waan tureef jiruu baqaaf dirqame.
Jiruu baqatummaanis gara Jibuutiitti imaluun harka tokkoon jireenya isaa geggeeffachaa harka tokkoon ammoo hamma gaafa lubbuun isaa addunyaa kana irraa darbuutti waan humna isaan Qabsoo Bilisummaa Oromoo deggaraa nama tureedha.
Obbo Ahimed abbaa ijoollee torbaa yoo ta’u, dhukkuba dhibee Sukkaaraatiin jiruu baqaa biyya ambaa sana keessatti rakkachaa turuu fi gaafa Adoolessa 18, 2024 akkuma tasaa kufuun lubbuun isaa addunyaa kana irraa darbateetti.
Bubbulee nu qaqqabus maatii isaa fi sabboontota ilmaan Oromoof jajjabina hawwina.


