• Sun. Mar 15th, 2026

Godina Baha Wallaggaa aanaa Kiiramuutti loltoonni imphaayera Itiyoophiyaa dargaggoota sobaan hidhaman “leenjii waraanaa deemtu” jechuun doorsisaa jiraachuun beekame

Jul 31, 2024

ONM-ABO Adoolessa 29, 2024

Abbootiin garaa Bilxiginnaa ilmaan Oromoo sobaan yakkuun qabanii hidhaatti darbachuun dararaa humnaa olii irratti raawwachaa kan turanii fi jiran yeroo adda addaa mana hidhaa keessaa baasuun isaan kaan achi buutee dhabamsiisaa, kaan immoo ajjeesaa, kaan qarshii guddaa kaffalchiisuun, kaanis jechoota qorqalbii miidhuu danda’aniin arrabsuun daba ulfaataa hojjechaa jiru.

Haaluma kanaan, godina Baha Wallaggaa aanaa Kiiramuutti hidhamtoota shira sobaan irratti xaxameen yakkamuun waajjira poolisii aanichaa keessatti hidhamanii ji’oota hedduuf dararamaa jiran keessaa addatti dargaggoota 7’n “leenjii waraanaa deemtanii imphaayera Itiyoophiyaaf  loltu” jechuun doorsisaa jiraachuu maddeen keenya eeranii jiru.

Kana malees, dargaggootaa fi barattoota manneen barnootaa olaanoo irraa boqonnaa gannaaf gara maatiitti galanii jiran baadiyyaa irraa gara magaalaa Kiiramuu yeroo deeman yeroo adda addaatti rifeensa irraa haaduun reebicha hamaa ta’e irratti raawwachaa jiraachuu jiraattonni kun itti dabaluun ibsaniiru.

Torban darbe keessa bulchaan aanichaa dargaggoota waajjira poolisii onichaatti hidhamanii dararamaa turan mana hidhaatii baasee gara magaalaa Naqamteetti geessuun diraamaa siyaasaa kalaqee “Waraana Bilisummaa Oromoo qabanne” jechuun dargaggoota kanneen dirqisiisanii dookumentarii sobaa irratti raawwachuu isaanii isiniif gabaasuun keenya ni yaadatama.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading