• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Harargee Lixaa aanaa Gubbaa Qorichaatti murnoonni bilxiginnaa dubartoota ukkaamsuun achi buutee dhabamsiisan

Aug 2, 2024

ONM-ABO Hagayya 2, 2024

Murnoonni bilxiginnaa safuu, eenyummaa fi duudhaa Oromummaa tokko illee kan hin qabnee fi hin beekne ta’uun, dhiiraa fi dubartii osoo hin jenne Oromummaa hadheeffatanii kan mormanii fi hawaasa hojii isaa hojjetatee jiraatu yakkuun ukkaamsanii hidhaatti darbachuun achi buutee dhabamsiisaa jiraachuun ni beekama.

Haaluma kanaan, godina Harargee Lixaa aanaa Gubbaa Qorichaatti murnoonni bilxiginnaa dubartoota ukkaamsuun achi  buutee dhabamsiisuun eeramee jira.

Adoolessa 26, 2024 murnoonni bilxiginnaa magaalaa Ciroo irraa ka’uun dubartoota maqaan isaanii aadde Ruuziyaa Najjaashii fi aadde Fooziyaa jedhaman “deggertoota Waraana Bilisummaa Oromooti” jechuun mana jireenyaa isaanii keessaa butanii ukkaamsuun konkolaataa irra buusanii bakki isaan buusan dhabamuu jiraattonni eeran.

Akka jiraattotni gandichaa jedhanitti namootni ukkaamfaman kun dubartoota waan ta’aniif waanti isaan irratti raawwatan hin beekamu, osoo abbaan manaa jiruu haadha manaa jalaa baasanii ukkaamsuun maal jedhama? Kun waan raajiidha jechuun, hanga ammaatti bakka isaan jiran namuu hin beeku” jechuun dubbatu.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading