• Sat. Mar 14th, 2026

Godina Gujii Lixaa Aanaa Dugdaa Daawwaa keessatti tiksitoonni imphaayerattii nama tokko rasaasaan ajjeesanii bakkeetti gatuun dhagaa’ame

Aug 6, 2024

ONM-ABO Hagayya 3, 2024

Murni bilxiginnaa ilmaan namaaf kabaja hin qabne goleewwan Oromiyaa cufa keessatti ilmaan Oromoo adamsuun rasaasaan lubbuu obbaasaa oolan, gocha diinummaa isaanii ilmaan Oromoo irratti raawwachuu itti fufuun namoota nagaa  ajjeesanii bakkeetti gatuun bineensa nyaachisaa jiru.

Sarbamiinsi mirga namoomaa waraana goolessaa bilxiginnaan uummata irratti raawwatamaa jiraachuu gabaasaa turuun keenya kan yaadatamu oggaa ta’u, bilxiginnaan barcuma aangoo isaa tikfachuu malee dantaa uummataa eegsisee kan hin beekne ammas namoota tuttuqaa siyaasaa kamirraayyuu walaba ta’an siyaasa keenya tuqxe jechuun balleessaa tokko malee Oromummaa qofaan yakkuun lubbuu namoota nagaa obbaasaa oola.

Haaluma kanaan Adoolessa 31, 2024 Godina Gujii Lixaa aanaa Dugdaa Daawwaa ganda Caabbii Magaadaa iddoo addaa Saatilaayitii Kuulchaa jedhamutti abbaa ilmaan tokkoo kan ta’e nama maqaan isaa Elemaa Dambii Dhangii jedhamu ajjeesanii bakkeetti kan gatan oggaa ta’u  maatiin nama Kanaas reeffa bakkee keessaa arganii awwaallachuu jiraattoonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading