ONM-ABO Hagayya 5, 2024
Moot um main faashistii PP godinaalee Oromiyaa cufa keessatti sababoota adda addaa dhiyeeffachuun ilmaan Oromoo irratti roga isaaniif danda’ame maraan hacuucuu fi mirga sarbuun diinadgeen dadhabsiisuuf addatti immoo daldaltoota irratti kufaatii dinagdee labsuun dararaa hamaa raawwataa kan jiru yommuu ta’u, aanaa Kiiramuutti murnoonni bilxiginnaa daldaltoota irratti gatii gibiraa garmalee dabaluun ibsameera.
Aanaa Kiiramuu keessatti daldaltoota sadarkaa gadaanaa irra jiran dabalatee hunda isaanii irratti gibira humna isaaniitii olii itti dabaluudhaan daldaltoonni baay’een hojii isaanii hojjetanii jiraachuun waan itti ulfaateef, mana daldalaa isaanii illee cufaa jiraachuu fi “dafaa kaffalaa yoo diddan ni hidhamtu” jechuun dorsiisa murnoota bilxiginnaan rakkoon cimaa ta’e uummata aanichaa irra ga’aa jiraachuu daldaltoonni magaalichaa dubbisne himanii jiru.
Kana malees, daldaltoota qofa osoo hin taane mana nyaataa, konkolaachistoota, mana suuraa fi k.k.f irratti kaffaltiin gibiraa garmalee dabaluu fi hojjettoota mootummaa kan duraan miindaan baankii daldala Itoophiyaa irratti isaaniif gadi dhiifamu amma immoo gara baankii siinqeetti naanna’a jechuun hojjettoonni mootummaa aanichaa rakkoo hamaaf saaxilamanii jiraachuun ibsamee jira.



