• Sat. Mar 14th, 2026

Maqaa ‘WBO waliin hidhata’ qabda jedhuun hidhaan hawaasa nagaa irratti raawwatamu godina Baha Wallaggaa aanaa Saasiggaa keessatti cimee itti fufe

Aug 9, 2024

ONM-ABO Hagayya 4, 2024

Murni aangoon of harkaa qaba jedhu bilxiginnaan yeroo gara aangootti dhufee kaasee WBO balleessinaa dhaadannoo godhachuun, yeroo gara yerootti loltoota isaa guutuu Oromiyaatti bobbaasuun maqaa sakkattaan yeroo ba’an tooftaa fi tarsiimoo lolaan Waraana Bilisummaa Oromoo dura dhaabbachuu dadhabuun hawaasa nagaa sababoota adda addaa itti maxxansuun badii tokko malee yakkaa jiraachuun isaa ni beekama.  

Haaluma kanaan, godina Baha Wallaggaa aanaa Saasiggaa keessatti hidhaa fi dararaan jiraattota irratti maqaa ‘WBO waliin hariiroo qabduu fi ilmaan keessantu miseensa WBO’ti” jedhuun raawwatamu jabaatee itti fufee jiraachuun ibsameera.

Hagayya 1, 2024 ganda Loomicaa jedhamu irraa dargaggootni maqaan isaanii:

  1. Waganuu Asfawuu,
  2. Saamu’eel Qinaaxxii fi 
  3. Guutaa Xilaahuun jedhaman loltoota bilxiginnaan ukkaamfamuun garmalee dararamaa kan jiran ta’uu jiraattonni ganda Loomicaa ONM’f eeranii jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading