• Fri. Mar 13th, 2026

Waraanni Imphaayera Itiyoophiyaa godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Abbaay Coommanitti uummata nagaa hidhuu cimsee itti fufe

Aug 9, 2024

ONM-ABO Hagayya 5, 2024

Safuu fi ooda uummataa akkasumas kabajaa namummaa kan hin beekne, Waraanni Goolessituu PP ilmaan Oromoo badii tokko malee Oromummaa isaaniitiin yakkuun ajjeesuu, hidhuu fi dararuun baratamaa ta’aa dhufeera.

Haaluma kanaan Adoolessa 30, 2024 Waraanni sirnichaa godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Abbaay Coomman ganda Ganjii Qarree jedhamutti nama maqaan isaa; Bayyanaa Miijanaa jedhamu waraana Bilisummaa Oromoo waliin hariiroo qabda maqaa jedhu itti maxxansuun hidhanii gidirsaa jiraachuu, jiraattonni gandichaa ONM’tti himaniiru. 

Akka maddeen keenya nuuf himanitti namni Kun nama siyaasa kam keessaayyuu qooda hin qabnee fi hawaasa naannoo biratti jaallatamummaa guddaa qabuudha jechuun, Waraanni fi kaabinoonni PP dargaggeessa Oromoo kanneen ta’an mara, badii tokko malee hidhaa jiraachuu Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading