• Sat. Mar 14th, 2026

Ankaaraan dhimma ICJ Israa’el irratti dhiyaaterratti makamuun ishee dhimma Falasxiin keessatti barbaachisummaa seeraa, haqaa jala sararee jira

Aug 11, 2024

ONM-ABO Hagayya 8, 2024

Murteen Ankaaraan dhimma Afriikaan Kibbaa Israa’el irratti Mana Murtii Idil-addunyaatti dhiyaatetti makamuun ishee dhimma Falasxiin seeraa fi haqaan furuuf kutannoo qabdu kan cimsu ta’uu Ministeerri Dhimma Alaa biyyattii Roobii kaleessaa ibseera. 

“Murteen keenya gidduu seenuuf murteessine, biyyi keenya dhimma Falasxiin bu’uura seeraa fi haqaa keessatti furuuf barbaachisummaa qabdu kan calaqqisiisudha,” jechuun ibsi ministeerichi baaseen beeksiseera.

“Qalbii dhala namaa fi seera addunyaa qondaaltonni Israa’el akka itti gaafataman ni taasisa,” jechuun ministeerichi jala sarare.

Dhimmi Afrikaan Kibbaa ICJ irratti dhiheessite, kan Israa’el waraana Gaazaa irratti geggeessite keessatti dirqama Konveenshinii Duguuggaa Sanyii jalatti qabdu cabsiteetti himatte, jalqabarraa kaasee Ankaaraan hordoffii cimaa akka turte cimsee ibseera.

Turkiin Kibxata darbe mana murtii olaanaa UN’tti labsii dhiheessite, dhimma duguuggaa sanyii Afrikaa Kibbaa Israa’el irratti banaa jirtutti makamaa jirti.

Faayilli Turkii falmii Afrikaa Kibbaa kan deeggaru yoo ta’u, Konveenshiniin Duguuggaa Sanyii gocha Israa’el Onkoloolessa 7 darbe irraa eegalee Gaazaa keessatti raawwatte irratti akkamitti hojiirra ooluu akka qabu ni ilaala jedhamee eegama.

Murtee Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii dhukaasa hatattamaan akka dhaabbatu gaafatu cabsitee, Israa’el erga Onkoloolessa 7, 2023 haleellaa garee Falasxiin Hamaas raawwateen booda haleellaa Gaazaa irratti itti fuftee jirti, balaaleffannaa idil-addunyaa ishee mudateera.

Waraana Israa’el erga jalqabee ji’a kudhan booda, naannoon Gaazaa bal’aan uggura nyaataa, bishaan qulqulluu fi qoricha naafa ta’e gidduutti diigamee jira.

Israa’el Onkoloolessa 7 irraa eegalee Gaazaatti lammiilee Falasxiinota kuma 40tti siqan ajjeestee jirti, duula waraanaa isheetiin Mana Murtii Haqaa Idil-addunyaatti duguuggaa sanyiitiin himatamti jechuun aljezeraan gabaaseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading