ONM-ABO Hagayya 11, 2024
Imphaayerri itiyoophiyaa afaan qawween ijaaramte afaanuma qawween uummata bulchuuf jecha uummata nagaa badii tokko malee narraa amantii hin qabdan paartii biroo hordoftu jechuun hidhaa, ajjeesaa, qabeenya isaanii saamaa fi Ibiddaan barbadeessaa Akkasumas, maqaa garaagaraa itti moggaasuun maallaqa sobaan irraa funaanuun rasaasaan bitachaa jiru.
Haaluma kanaan Hagayya 8, 2024 aanaa Jajuu ganda Hurutaa Dooree keessatti maqaa WBO deggartan jedhuun badii tokko malee manneen hawaasaa qabeenya guutuu waliin jumlaan gubuun dhagaa’ame.
Namoota manneen isaanii gubate keessaa kanneen maqaan nu ga’e;
Akka maddeen jedhanitti namootni kunneen badii tokko raawwataniif osoo hin taane jibbuma uummata Oromoo irraa qabaniif jecha manneen isaan itti dafqanii ijaarratan jalaa gubuun, maatii bakkeetti hambisuu gabaasan.
- Hajii Eda’oo
- Jayluu Gobee
- Maammad Dhugoo fi
- Abduraaman Hajii kanneen jedhamaniidha.


