ONM-ABO Hagayya 10, 2024
Akkuma Lixa Oromiyaatti dhukkubni busaa garmalee hammaachuun hawaasa Oromoo miidhaa turee ammas itti jiru dhiibbaa murnoota bilxiginnaan hawaasni yaalaa fi qoricha dhabuun namoonni hedduun dhibichaan harca’aa jiraachuu yeroo adda addaatti isiniif gabaasaa turuun keenya ni yaadatama.
Haaluma kanaan, aanaa Daaboo Haannaa gandoota adda addaatti dhukkubni busaa garmalee hammaachuu irraa kan ka’e uummanni bakka itti yaalamu dhabee dhumaa jiraachuu kana dura isiniif gabaasnee turre.
Yeroo ammaa kana immoo haala duraan barameen olitti hawaasni aanichaa garmalee dhukkuba busaan dhumaa kan jiru yoo ta’u, uummanni mana yaalaa deemuuf inshuraansii fayyaa malee yaalamuu akka hin dandeenyee fi kanneen inshuraansii qaban immoo, qoricha isaan gargaaru dhabuun miidhamaa jiraachuu jiraattonni gandichaa himan.
Mana yaalaa dhuunfaa deemuufis maallaqa guddaa gaafatamuun yaala dhabaa kan jiran yoo ta’u, maatii tokko keessaa namoonni hedduun dhukkuba kanaan qabamanii dhukkubsataa kan jiranii fi addatti immoo uummanni gandoota adda addaa hedduun dhukkuba kanaan garmalee du’aa jiraachuun himameera.


