ONM-ABO Hagayya 12, 2024
Bilxiginnaan sabaaf sab-lammoota imphaayera Itioophiyaa keessa jiraatan keessaa sabni akka badu gochuuf tooftaa hamminaa dhoksaatti qopheeffatanii guyyuu kan dalagan shirri isaan saba qulqulluu irratti taasisaa jiran walitti deebisuun bakkeewwan adda addaatti manneen hidhaatti wal guuraa akka jiran beekameera.
Akka keessa beektonni jedhanitti gariin kaadiroota bilxiginnaa maallaqa hawaasa nagaa irraa saaman hirachuu irratti wal dhabuun akka siyaasaatti wal shakkuu fakkeessuun wal hidhaa jiraachuun kan himamu yoo ta’u, godina Gujii Lixaa bulchiinsa magaalaa Bulee Horaatti Hagayya 7, 2024 kaadiroonni PP baay’inni isaanii 13 ta’e qabamanii hidhamuun beekameera.
Maqaa sirna keenyaaf haalaan hojjechaa hin jirtan, as keessa teessanii diina waliin hariiroo qabdu, eeruu waajjira keenyaa baaasuun diinaaf gabaastuu fi seelii diinaa magaalaa galchuun yakka hojjechiisaa jirtu kan jedhuun yakkanii hidhanii kan jiranii fi namoota danuus hidhuuf karoora akka qaban beekameera.
Gareen bilxiginnaaf hojjechuuf jecha dhugaa Oromoo utuma beekanii, duguugamuu fi ukkaamsaaf namoota nagaa saaxilanii maallaqa namoota nagaatti murteessuun saamuu fi saamsisuun sabboonummaa Oromummaa balleessuuf hojjetan walitti deebi’uun bu’aa hojii isaanii ta’uu ONM’f jiraattonni yaada isaanii kennaniiru.








