ONM-ABO Hagayya 10, 2024
Impaayerattiin raafama guddaa keessa seenuu ishee irraan kan ka’e yeroo ammaa namoota nagaa irratti gaaga’ama hamaa loltoonni fi kaabinoonni isaanii kunneen uummata boqonnaa dhoowwachuu bira darbanii murtii seeraa malee mana hidhaatti darbachuun dararaa jiru.
Haaluma kanaan, godina Lixa Shaggar aanaa Abuunaa Gindabarat gandoota adda addaa keessatti hidhaa fi saamichi haala duraan barameen olitti hawaasa aanichaa irratti jabaatee jira.
Ganda Gooroo Dhoqonuu bakka addaa Awwaal Battee jedhamuun beekamu irraa namoota nagaa siyaasa kam keessaa qooda hin qabne hidhuun garmalee dararaa jiraachuun jiraattota maqaan isaanii Shimallisee Fufaa fi Battee Suyyumee jedhaman jalaa dukkaana guutummaa guutuutti saamuu jiraattonni gandichaa himan.
Kana malees, guyyuma kana ganda Doggomaa Yagoo jedhamu irraa ”WBO deggartu” jechuun namoota maqaan isaanii:
- Shallamaa Motorraa,
- Dhaabaa Gofaa,
- Bojaa Araarsaa,
- Bojaa Ejjetaa fi
- Baqqalaa Abdii jedhaman hidhanii jiraachuu maddeen ONM’f eeraniiru.
Itti dabaluun ganda Doggomaa Kibbii irraa namoota maqaan isaanii:
- Birrooshee Deessisaa jalaa horii 10,
- Daanyee Fufii j horii 24,
- Turaa Fufii horii 5,
- Zawuduu Amaanuu horii 8,
- Baayisaa Fufii horii 5,
- Habtamee Lataa horii 12, fi
- Taarikuu Lammii jalaa horii 5 saamuun ooffatanii deemuu maddeen keenya itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeraniiru.



