ONM-ABO Hagayya 11, 2024
Ajjeechaa suukkanneessaa waraanni faashistii PP raawwachaa jiru jabaachuun uummanni Oromoo badii tokko malee waraana abbaa irreetiin bakka maratti lubbuu isaa dhabaa jira.
Akkuma kanaanis Hagayya 9, 2024 godina Lixa Shaggar aanaa Cobii bulchiinsa magaalichaa irraa waraanni gabroomfataan PP maqaa sakattaa WBO’n gara ganda Bakkee Hoofuu jedhamutti sochii taasisaniin meeshaa guddaa moortera Tulluu Logee jedhamurra dhaabuun bakka addaa Sanxaroo jedhamutti dhukaasaniin daa’ima ganna torbaa ajjeesuun, namoota lamas kan madeessanii fi jabbilee lamas mana Obbo Kafanaa keessatti akka ajjeesan maddeen himan.
Kana malees guyyaa sana Aadde Hirphinash jalaa: hoolota 10, re’oota 5 fi loon elmaman lama dabalatee loon afur jalaa kan ooffatan yoo ta’u, maatii ishee hunda irratti reebicha ulfaataa raawwachuun ifoomeera.
Dabalataanis, Hagayya 9, 2024 hanga gabaasni kun qindaa’etti hawaasa maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo nyaachistuun mana barumsaa ganda Bakkee Hoofuutti guuranii jumlaan hidhaa akka turan jiraattonni ONM’tti himaniiru.

