ONM-ABO Hagayya 13, 2024
Uummata nagaa ajjeesuu, hidhuu, dararuu fi saamuun kan isa gammachiisu waraanni maafiyaa imphaayera Itiyoophiyaa goleewwan Oromiyaa mara keessatti duula duguuggaa sanyii saba Oromoo irratti geggeessaa jiraachuun beekamaadha.
Haaluma kanaan, Hagayya 11, 2024 waraanni sirnichaa godina Qellem Wallaggaa aanaa Hawwaa Galaanitti uummata irratti saamicha raawwachuun ibsameera.
Ganda Hawwaa Fiincoo jedhamutti loltoonni sirnichaa uummata nagaa dararuu akka ciminaatti lakkaawwatan namoota akkuma amala isaanii duriitti gabaatti bittaa fi gurgurtaaf walitti bobba’an jalaa qabeenya isaanii kanneen akka: bilbilaa, meeshaalee dukkaanaa fi waantota namoonni gabaa geeffatan gosa adda addaa jalaa saamuun uummanni akka wal irraa bitee hin gurgurreef ari’uu maddeen keenya Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.



