• Fri. Mar 13th, 2026

Barsiisonni Yuunivarsiitii Wallaggaatti leenjii fudhachaa jiran rakkoo bishaan dhugaatii yuunivarsiitii sana mudateef leenjii addaan kutuun dhagaa’ame

Aug 15, 2024

ONM-ABO Hagayya 14, 2024

Yeroo boqonnaa gannaa isaaniitti Yuunivarsiitii imphaayerattii keessa jiran keessatti barsiisota kutaalee Oromiyaa adda addaa irraa waamuun yuunivarsiitii keessatti leenjii guyyoota 25’f kennaa kan jiru Bilxiginnaan, haa ta’u malee barsiisonni leenjiif yuunivarsiitii adda addaa deeman bakkeewwan hedduutti hokkora kaasuun kaan leenjicha leenji’uu yoo addaan kutan, kanneen biroo immoo dhiisanii ba’aa jiru.

Leenjii dhimma barnootaa irratti kennamu kanaan, barsiisonni yuunivarsiitii Wallaggaatti leenjii fudhachaa jiran rakkoo bishaan dhugaatii yuunivarsiitii sana mudateef jecha leenjii addaan kutuun ibsameera.

Yuunivarsiitiin Wallaggaa barattoota sagantaa adda addaan simatee barsiisaa kan jiru yoo ta’u, baay’ina barattootaa fi rakkoo keessoo hooggansa yuunivarsiitii sanaan walqabateen yeroo adda addaatti barattootaa fi hojjettoota yuunivarsiitichaa irratti doorsisni geggeeffamaa jira. Rakkoo keessoo aantummaa Bilxiginnaaf hojjechuun wal qabatee uumameen hanqina mudachaa jiruun bishaan dhugaatii dhabuu irraa kan ka’e leenjii addaan kutuu barsiisonni leenjiif yuunivarsiitii sana jiran Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf himanii jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading