ONM-ABO Hagayya 15, 2024
Finxaaleeyyiin Amaaraa maqaa “Faannoo” jedhu moggaafachuun ilmaan isaanii kutaalee Oromiyaa keessa jiraatanii fi tiksitoota Bilxiginnaa hunda firoomfachuun hanga funyaaniitti hidhatanii uummata meesha maleessa nagaan qe’ee isaa irra jiraatu irratti gochoota gara jabinaa tilmaama hin qabne raawwachaa jiraachuun isaanii ni beekama.
Haaluma kanaan, godina Buunnoo Beddellee aanaa Daaboo Haannaatti lukkeeleen bilxiginnaa fi finxaaleeyyiin Amaaraa waliin ta’uun waraana Faannoo leenjisaa jiraachuun saaxilamee jira.
Aanaa Daaboo Haannaa gandoota akka: Cittuu Qarkaa, Safaraa, Kusaayee fi Cooraa Kanaaboo jedhaman keessa maandheffachuun finxaaleeyyiin Amaaraa yeroo adda addaatti wal dadammaqsanii qarshii walitti guuruu fi meeshaa waraanaa bituun, akkasumas; ergamtoota bilxiginnaa qarshiin sossobuun ilmaan Oromoo irratti miidhaa ulfaataa geessisaa kan jiran ta’uu jiraattonni gandoota kanneenii irraa dubbisne himan.
Akka namoonni itti dhiyeenyaan hordofan jedhanitti, “ganda Dhidheessaa bakka addaa Cittuu Marmaajoolii yookiin Qanqalcha jedhamtutti hidhattoonni Amaaraa leenjii waliif kennaa jiru. Kanneen hidhannoo guutuu qaban nama saddeet ta’u jedhu. Saddeettan kun immoo dargaggoota Amaaraa hedduu leenjisaa jiraachuus himan.
Bulchaan aanaa Daaboo Haannaa immoo ofii isaas Amaara waan ta’eef isaan qubachiisaa jira. Yeroo isaan uummata Oromoo miidhan waan tokko hin dubbatu. Mismaaraa fi qorqorroo bituun uummata Oromoo dirqamaan mana ijaarsisaafii turuu gabaasnee turre.
Akka namni biraa tokko jedhutti “Hagayya 12, 2024 guyyaa naannoo sa’atii 10:00 ganda Dhidheessaa bakka addaa Burqaa jedhamtutti hidhannoo guutuudhaan hawaasa Oromoo midhaan eegaa jiran ooyiruu isaanii irraa ari’aniiru. Uummanni Oromoo naannoo sana jiraatu rakkoo hamaaf saaxilamee jiraachuu himuun, qaama Bilxiginnaaf uummanni eeruu laatee yeroof waajjira poolisiitti to’achuun guyyaa muraasa qofa hidhanii matta’aa fudhatanii gadi dhiisan” jechuun miira aariin guutameen dubbateera.


