• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Guduruutti loltoonni imphaayera Itiyoophiyaa dargaggoota hidhaatti guuruu cimsanii itti fufan

Aug 18, 2024

ONM-ABO Hagayya 15, 2024

Ergamtootni Bilxiginnaa loltoota seeraa fi naamusa waraanaa  hin qabne leenjisanii ilmaan Oromoo irratti bobbaasuun addatti immoo dargaggoota Oromoo irratti xiyyeeffatanii hidhaatti guuruun dararaa irraan ga’aa jiru.

Haaluma kanaan, godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Guduruutti loltoonni imphaayerattii jiraattota hidhaatti guuruu cimsanii itti fufanii jiraachuun himamee jira.

Akkuma aadeffannaa isaaniitti tiksitootni barcuma Abiy Ahimed aanaa Guduruu ganda Illaammuu Xaraqoo jedhamu irraa guyyaa guyyaan hawaasa nagaa hidhaatti darbachaa kan jiran yoo ta’u, Hagayya 12, 2024 dargaaggoo maqaan isaa Tuggee Kaasaa jedhamu “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabda” jechuun ukkaamsanii hidhaatti darbchuun dararaa jiraachuu jiraattonni gandichaa ONM’tti himanii jiru.

Akka jiraattonni kun himanitti, dargaggoonnii fi ilmaan qonnaan bultootaa hundi aanicha keessaa tokko tokkoon osoo funaanamanii waajjira poolisiitti bakkuma ciisan illee dhabuu dubbataniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading