• Mon. Mar 16th, 2026

Godina Lixa Harargee  aanaalee adda addaa keessatti ergamtoonni Bilxiginnaa maqaa ijaarsa mana barumsaan hawaasa saamaa jiraachuun barame

Aug 20, 2024

ONM-ABO Hagayya 16, 2024 

Tiksitootni fi ergamtoonni Bilxiginnaa addatti uummata Oromoo dararuuf godinaalee Oromiyaa adda addaa irratti ajaja Koloneel Abiy Ahimediin bobbaafaman dararaa hamaa uummata Oromoo irratti raawwachaa jiraachuun kan beekamu yommuu ta’u, godina Lixa Harargee  aanaalee adda addaa keessatti kaadiroonni bilxiginnaa maqaa ijaarsa mana barumsaan hawaasa irratti saamicha raawwachaa jiraachuun himameera.

Godina Lixa Harargee aanaalee adda addaa keessatti tiksitootni imphaayerattii halkanii fi guyyaa maqaa kaffaltii gosa adda addaa uummatatti dhahuun akkuma guutummaa godinichaatti humnaan dirqamansiisanii hiraarsaa ulfaataan uummata irraa guuraa kan turan yommuu ta’u, yeroo ammaa kana immoo, maqaa “ijaarsa mana barumsaa” jedhuun uummata ofii isaatiifuu waan nyaatee bulu dhabee rakkachaa jiru irraa qarshii dhibba shan shan  kan guuraa jiran ta’uu jiraattonni aanaalee adda addaa irraa ONM dubbise himanii jiru.

Afaan qawwee itti aggaamuun dirqamaan uummata irraa guuraa kan jiran yoo ta’u, uummanni godinichaa rakkoo hammaataa keessa jiraachuu fi godinaalee Oromiyaa biroottillee gochaan walfakkaataan akka mul’atuu fi miidhaan karaa lukkeelee bilxiginnaa hawaasa irra gahu cimee itti fufuu maddeen keenya itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading