• Sun. Mar 15th, 2026

Godina Buunnoo Beddellee aanaa Cawwaaqaatti ergamtootni Bilxiginnaa hawaasa nagaa saamuu fi dararuu itti fufan

Aug 21, 2024

ONM-ABO Hagayya 18, 2024

Ergamtoonni sirnichaa addatti uummata Oromoo dararuuf godinaalee Oromiyaa adda addaa irratti ajaja Koloneel Abiy Ahimediin bobbaafaman dararaa hamaa uummata Oromoo irratti raawwachaa jiraachuun kan beekamu yemmuu ta’u, godina Buunnoo Beddellee aanaa Cawwaaqaatti faashistootni Bilxiginnaa hawaasa irratti saamicha raawwachuu cimsanii itti fufuun isaanii himameera.

Aanaa Cawwaaqaa araddaa Urjii Oromiyaa jedhamu keessatti milishoonni PP aanichaa, guyyaa guyyaan maqaa kaffaltii gosa adda addaa itti dha’uun qarshii irraa guuruun dararaa hamaa ta’e uummata irratti raawwachaa kan jiran yoo ta’u,  yeroo ammaa kana immoo “mana barumsaa ijaarra” jechuun, uummata gandichaa irraa qarshii dhibba shan shan dirqamaan irraa guuraa jiraachuu jiraattonni gandichaa ni dubbatu.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading