• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Lixa Wallaggaa aanaa Lataa Sibuutti waraanni maafiyaa PP maanguddoo tokko haala suukkaneessaan ajjeesan

Aug 21, 2024

ONM-ABO Hagayya 17, 2024

Dhiiga ilmaan Oromoo sooratee kan jiraatu waraanni nama nyaataan impaayera Itiyoophiyaa goleewwan Oromiyaa mara keessatti duula duguuggaa sanyii saba Oromoo irratti geggeessuu jabeessee jira. 

Haaluma kanaan, Hagayya 8, 2024 waraanni Bilxiginnaa godina Lixa Wallaggaa aanaa Lataa Sibuu ganda Waliin Taatee Warra Jirruu jedhamutti abbaa maatii kan ta’e nama maqaan isaa Obbo Badhaasaa Kinfuu jedhamu mana hidhaatii baasuun badii tokko malee Oromummaa isaa qofaaf rasaasa itti roobsanii ajjeesuu maddeen ONM’tti himan.

Akka maddeen keenya himanitti, “yeroo sanatti reeffa nama kanaa maatii isaa dhorkachuun maatii isaa doorsisanii ari’anii turan” jechuun kan dubbatanii fi gocha suukkaneessaa waraanni koloneel Abiy Ahimediin bobbaafaman guyyaa guyyaan irratti raawwachaa oolaniin hiraarfamaa jiraachuu jiraattonni gandichaa ONM’tti himaniiru.

Aanicha keessatti rakkoowwan walfakkaatoon hedduun yeroo gara yerootti irra deddeebiin mudachaa kan jiru ta’uunis  ibsamee jira.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading