• Tue. Jan 13th, 2026

Haleellaa Israa’el yeroo dhiyootti Kibba Libaanos irratti raawwateen yoo xiqqaate namoonni jaha ajjeefaman

Aug 21, 2024

ONM-ABO Hagayya 17, 2024

Kibba Libaanos magaalaa Nabaatiyeetti haleellaa qilleensaa Israa’el gamoo mana jireenyaa irratti raawwateen yoo xiqqaate namoonni jaha du’uu Ministeerri Fayyaa Libaanos beeksiseera.

Ministeerri Fayyaa Sanbata har’aa ganama akka beeksisetti, haleellaa humnoota Israa’el yeroo dhiyootti raawwatameen namoonni sadii akka malee madaa’aniiru jedhe.

Miidiyaaleen Libaanos haleellaa kanaan lakkoofsi namoota saddeet du’anii ol’aanaa ta’uu gabaasanis, garuu lakkoofsi sun of danda’ee mirkanaa’uu hin dandeenye.

Haleellaan kun kan raawwatame gareen hidhate  Hizbullaan Libaanos erga gareen Falasxiin kun Onkoloolessa 7 kibba Israa’el irratti haleellaa raawwatee fi waraana Israa’el Gaazaa irratti raawwatteen booda humnoota Israa’el waliin guyyaa guyyaatti jechuun ni danda’ama dhukaasa geggeessuun michummaa Hamaas agarsiisaa jira.

Hizbullaan akkuma Iraan ajjeechaa hogganaa siyaasaa Hamaas Ismaa’il Haaniyee Teeyiraan keessatti raawwatameef haaloo ba’uuf waadaa galeera.

Gareen kun haleellaa humnoota Israa’el kaaba Israa’el jiran irratti raawwatu kan dhaabu waliigaltee dhukaasa dhaabuu Gaazaa qofa ta’uu irra deddeebi’ee dubbataa ture.

Muummichi ministeeraa Israa’el Beeniyaamin Netaaniyaahuun biyyi isaanii “ittisaafis ta’e haleellaaf qophaa’uu” fi Hizbullaa fi Iraan irraa of ittisuuf “kutannoo” akka qabdu dubbataniiru.

Garuu Israa’el waliigaltee dhukaasa dhaabuu Gaazaa irratti akka walii galtu dhiibbaan irratti taasifamaa ture, kunis waraana bal’aa Libaanos fi Tehran hirmaachisu hambisuu hin oolu jechuun Al Jazeeraa’n gabaaseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading