• Fri. Mar 20th, 2026

Kaaba Shaggar aanaa Hidhabuu Abooteetti manneen qonnaan bultootaa waraana garboomfataa PP’n gubate

Aug 21, 2024

ONM-ABO Hagayya 17, 2024

Bilxiginnaan Oromoo irratti weerara geggeessuuf meeshaa waraanaa biyyoota ollaa irraa  kadhatee duula duguuggaa sanyii raawwachaa jiruun nagaa fiduu hanqatee mana qonnaan bultootaa gubuun qe’ee hawaasaa barbadeessaa jira.

Akkuma kanaanis godina Kaaba Shaggar aanaa Hidhabuu Abootee ganda Leellisaa Abbaa Magaalitti Hagayya 15, 2024 manneen jiraattotaa  isin seelii Waraana Bilisummaa Oromooti jechuun qabeenyaa keessa jiru waliin gubanii barbadeessuun beekameera.

Namootni manneen jalaa gubate maqaan isaanii; Boollee Nagaash, Tolosaa Laggasaa fi Quubsaa Badhaasaa namoota jedhaman yoo ta’an, meeshaalee mana keessaa, qodaa itti nyaatan, teessuma, uffannaa, midhaan, siree irra bulanii fi wantoota maatiin ittiin jiraatan hundumaa osoo maatiin keessaa hin baafatin gubanii barbaddeessuun ifoomeera.

Kana malees aanaa Hidhabuu Abooteetti sarbamiinsi mirga namoomaa garmalee jabaatee itti fufuun namoonni hedduun yakka tokko malee manneen hidhaatti baatiilee dheeraaf murtii seeraa malee hidhamanii doorsisni lubbuu fi dararaan irratti taasifamaa jiraachuu jiraattonni ONM’tti himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading