ONM-ABO Hagayya 17, 2024
Dhugaa uummataa dabsuu fi uummata nagaa boosisuun gammachuu kan isaaf ta’e waraanni goolessituu PP goleewwan Oromiyaa mara keessatti uummata nagaa saamuu, hidhuu fi ajjeesuu jabeessanii itti fufanii jiru.
Haaluma kanaan, Hagayya 15, 2024 waraanni Sirnichaa godina Qellem Wallaggaa aanaa Yamaaloogii Walal ganda Hordoffee jedhamutti “abbaa warraa keetu miseensa Waraana Bilisummaa Oromooti” jechuun haadha ijoollee sadii kan taate dubartii maqaan ishee addee Maabiraatee Dheeressaa jedhamtu jalaa qabeenya manaa guutuu fi loon lama jalaa fudhachuu maddeen keenya eeranii jiru.
Akka maddeen keenya himanitti, gochi cigaasisaan kun waraana imphaayerattiitiin kan yeroo jalqabaaf raawwate kan hin taanee fi qaama itti iyyatanis dhabuun gidirfamaa jirachuu Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.




