• Fri. Mar 13th, 2026

Waraanni Goolessituu PP godina Lixa Shaggar aanaa Baakkoo Tibbeetti dargaggoo tokko ajjeesan

Aug 21, 2024

ONM-ABO Hagayya 17, 2024

“Waraana Bilisummaa Oromoo balleessuu maqaa” jedhuun kan bobbaafaman waraanni maafi’aa PP lolaan injifachuu akka hin dandeenye hubachuun duula duguuggaa sanyii uummata Oromoo irratti geggeessan jabeessanii jiru.

Haaluma kanaan, Hagayya 9, 2024 waraanni sirnichaa godina Lixa Shaggar aanaa Baakkoo Tibbee ganda Tulluu Sangootaa bakka jedhamutti maqaa “Waraana Bilisummaa Oromoo gargaarta” jedhu itti maxxansuun dargaggoo Alamaayyoo Zarihuun jedhamu badii tokko malee akka bineensaatti rasaasa itti roobsanii ajjeesuu maddeen keenya eeranii jiru.

Akka maddeen keenya himanitti, dargaggoon kun nama siyaasa kam keessaayyuu qooda hin qabnee fi hawaasa naannoo biratti jaallatamummaa guddaa qabu ta’uus jiraattonni gandicha irraa ONM dubbise himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading