• Thu. Mar 19th, 2026

Godina Lixa Shaggar aanaa Meettaa Walqixxeetti saamichi waraana maafiyaa PP’n jiraattota irratti raawwatamu cimee itti fufe

Aug 22, 2024

ONM-ABO Hagayya 18, 2024

Murni bilxiginnaa ergamtootaa fi tiksitoota sirnichaa namoota ta’an akkaataa isaan miidhaa jiraattota irratti godhaniin ilaalamee maallaqni kan kaffalamuuf, waraanni sirnichaa fi milishoonni maallaqa argachuu qofaaf jireenya ilma namaaf naasuu dhabuun hawaasa irraa dhalatan saamuu, hidhuu, manneen gubanii mancaasuu fi ajjeechaa guutuu Oromiyaatti raawwachaa jiru.

Haaluma kanaanis, godina Lixa Shaggar aanaa Meettaa Wal-Qixxeetti saamichi qabeenya uummata nagaa irratti raawwatamu jabaatee jiraachuu jiraattonni ONM dubbise himan. 

Ganda Baqoo Jal’isaa jedhamu irraa Hagayya 11, 2024 loltoonni impaayera Itiyoophiyaa nama maqaan isaa Dirribaa Gadaa jedhamu bakka namni hin jirretti mana jireenyaa isaa cabsanii seenuun qarshii kuma kudhaniif dhibba torba (10,700) jalaa saamanii jiraachuu maddeen ONM’ti himaniiru.

Kana malees namoota hedduu irratti reebicha hamaa kan raawwatan yoo ta’u, akkuma aanichaatti saamicha qabeenyaa qabee hanga murtee seeraa tokko malee namuu guyyaa irraa gara guyyaatti ajjeefamaa akka jirus dabaluun dubbataniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading