• Sat. Mar 14th, 2026

Godina Arsii aanaa Gololchaatti loltoonni faashistii Abiy Ahimed jiraattota hidhaatti darbachuu itti fufan

Aug 24, 2024

ONM-ABO Hagayya 22, 2024

Murni bilxiginnaa dirree diimokiraasii dhiphisuun aangoo isaa qofa irratti xiyyeeffatee namoota siyaasa kiyyatti bu’an jedhu ajaja jala deemtota isaatti darbarsuun har’a Oromiyaa keessatti namuu qorannoo seeraa malee qabamee baatii dheeraaf mana hidhaatti dararamaa jira.

Sirni Oromummaa hadheeffatee mormu loltoota isaa baadiyyaa Oromiyaatti bobbaasuun duula duguuggaa ilmaan qotee bultoota Oromoo irratti labsuun manaa gadi baasee badii tokko malee dararaa hamaa uummata irraan ga’aa kan jiru yoo ta’u, waraanni faashistii Abiy Ahimed, godina Arsii aanaa Gololchaatti jiraattota hidhaatti darbachuun dararaa hamaa geggeessaa jiru.

Aanaa Gololchaa ganda Jingaa Dhiibuu jedhamu irraa loltoonni faashistii Abiy Ahimed torban darbe keessa nama maqaan isaa Anasee Shimallis jedhamuu fi jiraattota hedduu ammaaf maqaan isaanii adda hin baane ukkaamsuun qabanii mana hidhaatti darbachuu jiraattonni gandichaa ONM’tti himan.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading