ONM-ABO Hagayya 23, 2024
Gareen aangoon of harkaa qaba jedhu bilxiginnaan maqaa Waraana Bilisummaa Oromoon qabanii hidhuun maallaqa guddaa gaafachuu, kaleessa deggertoota isaanii turtan amma leenjii haaroomsa fudhattu jechuun fedhii namootaa malee milishaa fi farra riphee lolaa leenjisuu, qabeenya isaanii gubuu fi saamuu, qe’ee irraa godaansisuu fi ajjeechaa suukkanneessaa uummata Oromoo irratti raawwachaa jiru.
Akka jiraataan godina Lixa Shaggar aanaa Jalduu magaalaa Goojjoo tokko dubbisne jedhetti gandoota aanichaa keessaa namni mana hidhaa sana keessaa dhabame hin jiru jechuun, namootni kunis kanneen ji’a shanii hanga waggaa lamaa qorannoon seeraa tokko osoo irratti hin geggeeffamin hidhamanii jiraniidhas jedhe.
Namoonni mana hidhichaa keessatti argaman irra guddeessi isaanii qonnaan bultoota waa’ee siyaasaa quba hin qabnee fi hojii qonnaa qofa irratti bobba’uun jiraataniidhas jedhe.
Namootuma maqaa waraana Bilisummaa Oromoo yakkanii hidhaa galchan keessaa filanii milishaa fi Poolisii Farra Riphee Lolaa leenjisanii teessoo isaanii ittiin tikfachaa jiru jechuun dubbate.
Yeroo ammaa namootni gandoota aanichaa keessaa qabaman kanneenis leenjii milishummaa kennuufiin gara ganda ganda isaaniitti deebisuu sagantaa jedhu qabatanii akka jiran dabaluun addeesseera.



