• Thu. Mar 19th, 2026

Godina Baha Wallaggaa aanaa Saasiggaatti Farri Riphee Lolaan PP tokko rasaasaan ofii isaa fi nama biroo madeessuun dhagaa’ame

Aug 25, 2024

ONM-ABO Hagayya 25, 2024

Lukkeeleen bilxiginnaa haamilee dhabuun walii isaanii irratti dhukaasaa, wal ajjeesaa, wal hidhaa akkuma oolan, gocha naamusni waraanummaa fi hanqinni leenjii keessatti mul’atu bakka hundatti jabeessanii jiru.

Aanaa Saasiggaa ganda Tokkummaa Tsigee jedhamutti Hagayya 17, 2024 waraanni PP riphee lolaa jedhamuun waamamu dirqama PP’n itti laatee bobbaase nuffuun rasaasa ofitti dhukaasuun miila keessa of dhahuu isaa namoonni itti dhiyeenyaan beekan himan.

Kana malees, nama cirracha baasuun jiraatu konkolaachisaa Eebbiyyoo Angaraasaa jedhamu dirqamaan konkolaataa isaa qabanii osoo deemanii isas mataa keessa dhahuun madeessuun beekamee jira.

Yeroo amma loltoonni sirnichaa hedduun isaanii abdii kutannaa guddaa keessa seenuun bakkeewwan adda addaatti baduu fi sadarkaa of ajjeesuu irra ga’anii jiru.

Akka maddeen jedhanitti gara jabeeyyiin sirnichaa kunneen Farri Riphee Lolaan PP kun, yaala akka hin arganneef dhorkuun ajjeesuuf akka teessisan ibsaniiru. 

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading